Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Illeenii Gabramadihin gorsituu diinagdee walabarraa kaafaman

Finfinnee, Sadaasa 19, 2014 (FBC) – Dooktar Illeenii Gabramadihin guyyaa har’aa eegalee gorsituu diinagdee walabarraa kaafamuu isaanii ibsameera.

Muddee 5, 2013 Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin manni maree gorsitoota diinagdee walabaa miseensota 16 hammate moggaafamuun kan yaadamuudha.

Gorsitoota kanneen keessaa tokko kan ta’an Dooktar Illeenii Gabramadihin, tibbana walga’ii dhoksaa giddugala nageenyaa fi misoomaan idil addunyaan qophaa’uun Intarneetiin gaggeeffamerratti mootummaa Ityoophiyaa filannoo uummattan gara aangootti dhufe kaasuun mootummaa ce’umsaa hundeesseef ajandaa dhiyaateerratti hirmaachuun yeroo yaadaa dhiyeessaan muul’ataniiru.

Waltajjii dhoksaan qophaa’ee kanarratti garee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaatan shororkeessummaan moggaafame ifatti wayita deeggaran argamaniiru jedhame.

Akkaataa dambii mana marichaan miseensi mana marichaa Paartii yookaa dhaaba siyaasaa kamiiyyuurraa bilisa ta’uu akka qabu ifatti kaa’aameera.

Manni Maree Gorsitoota diinagdee kun walga’ii ariifachiisaa Sadaasa 18, 2014 gaggeesseen Dooktar Illeenii Gabramadihin walga’ii mootummaa Ityoophiyaa filannoo uummattan gara aangootti dhufe kaasuun mootummaa ce’umsaa hundeessee jedhu kanarratti hirmaachuu isaaniin miseensa mana marichaa ta’uun itti fufuu akka hin dandeenye murteesseera.

Sababu kanaan Dooktar Illeenii Gabramadihin guyyaa har’aa Sadaasa 19, 2014 irraa eegalanii minseensa Gorsitoota diinagdee walabaarraa ka’uu isaanii Ministeerri Pilaanii fi misoomaa beeksiiseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.