Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti namoota kuma 1 fi dhibba 9 oliif carraan hojii uumamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2014 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti namoota kuma 1 fi dhibba 9 fi 54 oliif carraan hojii uumamuu ibsameera.

Jiraattota magaalichaa waldaalee dhibba 3 fi 35 jalatti gurmaa’aniif carraan hojii qulqullina magaalaa, daldalaa, naannoo miidhagsuu fi hojii qonnaan uumamuu ibsameera.

Jiraattota magaalichaa carraan hojii uumameefiif sheediiwwan 50, sheediiwwan kilaastaraa 3, tiraaktaroonni 5 fi meeshaaleen qulqullinaa garaagaraa kennamuu eerameera.

Namoonni carraan hojii uumameef kunneen jabaatanii hojjechuun of jijjiiranii namoota biroof carraa hojii uumuu akka qaban kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Najiib Abbaa Raayyaa yaadachiisaniiru.

Manni qopheessaa magaalichaa bakkeewwan qarqara laga Aweetuurratti misooman dabalatee bakkeewwan garaagaraa namoota carraan hojii uumameefiif dabarsee kennuu hogganaan waajjira carraa hojii uumuu fi wabii nyaataa magaalichaa obbo Yaaziid Abbaa Garoo ibsaniiru.

Ijaarsa bakkeewwan kanneeniif Birrii miiliyoonni dhibba 3 ol baasii ta’uu kaasaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.