Fana: At a Speed of Life!

Biyya lafee fi dhiiga wareegamtootaan as geese diigamuurra hambisuuf hundu ga’eesaa bahuu qaba jedhame

Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Biyya lafee fi dhiiga wareegamtootaan as geesse diigumsa irraa hambisuun tokkummaa fi nageenya ishee eegnee dhaloota dhufu dhaalchisuu qabna jedhan Bulchaan Godina Adda Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Obbo Girmaa Hayiluun.

Mariin haala yeroo irratti xiyyeeffate dargaggoota Aanaa Sulultaa fi magaalaa caancoo hirmaachise gaggeeffame.

Marii kana irratti kan argaman Obbo Girmaa Hayiluu akka dubbatanitti diinoonni keenya alaa fi keessaa waraanaa adda addaa nutti banuudhaan biyya keenya diiguudhaaf halkaanii guyyaa hojjechaa jiru jedhaniiru.

Kanaafis dargaggoonnis ijaaramnee, gooticha Raayyaa Ittisa biyyaatti  makamnee nageenyaa keenyaa eeggachuun qabna jedhaniiru.

Naannoo keenya garee shororkeessitoota ABUT fi Shanee fi fakkatoota isaanii irraa qulqulleessuun akkasumas tooftaa diina keenyaa beeknee qabsoof of qopheessuu qabna jedhuun dhaamaniiru.

Biyyattis  badiinsa irraa hambisuun tokkummaa fi nageenya ishee eegnee dhaloota dhufu dhaalchisuu qabna jedhaniiru.

Dargaggoonni marii kana irratti argamanis qaamolee  nageenya waliin ta’uudhaan naannoo isaanii eeguudhaan hojii guddaa akka hojjetan ibsameera.

Dargaggoonni kunneen Muummichi Ministira Abiy Ahimad adda waraanaatti duuluu hordofee  gooticha raayyaa ittisa biyyatti makamnee birmadummaa biyya keenyaa eegsisuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Marii kanaan boodas hirmaattoonni marichaa hidha haaromsa guddichaaf boondii bituusaanii ragaan Waajjira dhimmoota  kominikeeshinii Godina Adda Oromiyaa Naannoo Finfinneerra arfamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.