Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Woorld Viizhiin Ityoophiyaa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 4 ol taasise

Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Dhaabbanni Woorld Viizhiin Ityoophiyaa jedhamu  lammiilee naannoo Amaaraa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii magaalaa Dabaarqii fi Daabaatitti argamaniif  deeggarsa Birrii miiliyoona 4 fi kuma dhibba 2 ol taasiseera.

Deeggarsichi lammiilee waraana garee shororkeessaan ABUT baneen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif ta’uu ibsameera.

Dhaabbatichi lammiilee Goondar kaabaa fi Kibba akkasumas bakkeewwan birootti qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa taasisuu ragaan Waajjira kominikeshinii Goondar Kaabaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.