Birmadummaa biyya keenyaa itti fufsiisuuf hundi ga’eessaa haa ba’atu- Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)- Balaa birmadummaa Ityoophiyaarratti aggaamame bu’uurarraa buqqisuuf hundi dandeettii qabuun ga’ee mataasaa ba’achuu akka qabu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawwit Kaasaa ibsan.
Waa’een Ityoophiyaa na galcha kan jedhu hundi ogummaa irratti bobba’ee jiruun birmadummaa isheef ashaaraa isaa kaa’uu qaba jedhan turtii Faanaa Broofdkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin.
Dhalatoonni Ityoophiyaa biyyoota garaagaraa jiran duula birmadummaaf deeggarsa hunda galeessa taasisaa jiraachuu fi dhimma Ityoophiyaa keessa giddu seentummaa biyya alaa mormuun sochii ‘ni ga’a’ (# No More)jedhu gaggeessuu ibsaniiru.
Miidiyaaleen uwwisa isaanii bal’isuuf afaanota idil addunyaa garaagaraan gabaasuu dabalataan odeffannoo dhugaa saffisaan uummata biraan ga’uun uummanni odeeffannoo sobaan akka hin burjaajofneef ga’eesaanii ba’achuu akka qaban ibsaniiru.
Amalawarq Damisawutu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.