Mootummaan Imbaasii Ameerikaa akeekkachiise
Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC) – Mootummaan Ityoophiya Imbaasii Ameerikaa akeekkachiisuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootumaa ibse.
Imbaasiin Ameerikaa fi dhaabbileen olola sobaa tamsaasuu itti fufuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiiseera.
Imbaasii fi dhaabbileen kunneen kana dura Finfinneen marfamte jechuun olola sobaa tamsaasaa kan turan yoo ta’uu, yeroo ammaa shororkeessummaan ni raawwatama jechuun olola sobaa itti fufuu isaanii Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan himaniiru.
Imbaasichii fi mootummaan Ameerikaa olola sobaa tamsaasurraa akka of qusatan mootummaan akeekkachiisuu eeraniiru.
Imbaasichi ofiisaarra darbee Imbaasiwwanii fi dhaabbileen biroo Finfinnee akka ba’an dhiibaa uumaa jiraachuu obbo Kabbadaan ibsa torbee laataniin himaniiru.
Gochaan kun hariiroo fi michummaa bara dheeraa biyyoota lamaanii kan miidhu ta’uu hubachiisaniiru.
Dhaabbileen deeggarsaa Ameerikaa deeggara laachuu dhiifnee baana jechuun sodaachisaa jiraatanis Kabajni Ityoophiyaa Qamadiin hin jijjiirramu jechuun himaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.