‘Kaayyoon of-eggannoo Ameerikaa Ityoophiyaa diinagdeedhan dadhabsiisudha’ – obbo Taayyee Danda’a
Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan ‘Kaayyoon of-eggannoo Ameerikaa Ityoophiyaa diinagdeedhan dadhabsiisudha’ ta’uu ibsan.
Kaayyoon of-eeggannoo irra deddeebii Ameerikaa, abootiin qabeenya biyyoota biroo Ityoophiyaarra amantaa akka dhaban, turiistonni biyya keessaa akka hin seennee fi warri keessa jiran immoo hatattaman akka bahan taasisuun, Ityoophiyaa diinagdeen dadhabsiisu jedhan obbo Taayyee Danda’aa.
Ityoophiyaarraatti waraanni gaggeeffamaa jiru meeshaa waraanan qofa osoo hin taane ololaa fi waraanaa xin-sammuu karaa miidiyaa hawaasaan gaggeffamaa jiru jedhan.
Imbaasiin Ameerikaa yeroo dheeraaf ragaalee sobaa tamsaasaa, Ityoophiyaarratti duula gaggeessaa turus himaniiru.
Ityoophiyaan “AGOA” keessaa akka baatu qoqqoobiin taasifameera, filannoowwan invastimantii biyyoota biroo irraa argaman sodaa kanaan gara Ityoophiyaa akka hin dhufne, kanneen dhufaniis akka deeman taasisuun qaama waraana keessa isaa tokkoo jedhan obbo Taayyeen.
Tokkoon tokkoon lammiilee Ityoophiyaa qaamoolee nageenyaa waliin qindaa’un naannawaa fi nageenya isaanii eegachaa jiraachuu eeraniiru.
Qaamooleen nageenyaa fi miidiyaan waliin qindaa’uun ragaalee sobaa hordofuun saaxiluun hawaasni ofitti amanamummaa akka horatu taasisuu qabu jedhan.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gara addaa waraanaa deemun waraanaa gaggeessuuf murteessuun isaanii kan kabajamu fi dinqisifatamu jedhan.
Murtoon kun murtoo seenaan yaadatamu ta’uu ibsuu isaanii eeraniiru.
Maddi:- DHPI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.