Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni Magaalaa Matahaaraa fi aanaa Fantaallee garee shoroorkeessaa ABUT fi Shanee balaaleffatan

Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)- Jiraattoonni godina Shawaa Bahaa Magaalaa Matahaaraa fi aanaa Fantaallee garee shoroorkeessaa  ABUT fi Shanee akkasumas giddu seentummaa biyyoota  fi miidiyaalee alaa balaaleffataniiru.

Jiraattoonni kuneen dhaadannoo ” No More” jedhu dhageessisaa magaalaa Martiitti hiriira ba’uun garicha balaaleffataniiru.

Hirmaattoonni hiriiricha biyya keenya ormaaf dabarsinee hin laannuu; osoo nutii jirruu biyyii hin diigamtu jedhaniiru.

Hiriiricharratti hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo naannoo fi godinicha argamaniiru.

Saganticharratti kan argamaan itti aanaan preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu fi kanneen biroo argamaniiru.
Obbo Awwaaluun saganticharratti haasaa taasisaniin, isaan nu ajjeesaa turun, qe’ee fi qabeenyaa keenyarraa nu buqqisan yoo dagataniis, nuti hin dagannuu jedhaniiru.
Madaan keenya kaleessaa nuuf hin fayyinnee, dagannee osoo hin taanee dhiifamaan gara badhaadhinaatti imalla jechuun dhiisneeti malee jedhaniiru.
Irree tokkon kaanee diina ofirra qolachuun nuuf haaraa miti.Seenaa kaleessa abbootiin keenya galmeessan har’as nuti seenaatti fufsiisna jedhaniiru.
Kana booda ABUT laftii isaan qabachuu danda’aan lafa awwaalcha isaanii qofa malee kana booda Oromoo bulchuun abjuudha jedhaniiru Obbo Awwaluun

Jamiilaa Jamaaltu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.