Barattoonnii fi hawaasni barnootaa magaalaa Finfinneetti argaman lammiilee buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasiisan
Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Barattoonnii fi hawaasni barnootaa manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa magaalaa Finfinneetti argaman lammiilee buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 1 olii akaakuu fi maallaqaan taasiisuu ibsameera.
Deeggarsi Barattoonnii fi hawaasni barnootaa taasiisan dhibee Ityoophiyaaf yaala, Ityoophiyaan missiraachoo guddina ishee wayita dhageessissu barattoonni fi hawaasni barnootaa ashaaraa kaa’aniif akka boonan taasiisa jedhan Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach abeebee.
Barattoonni biyya bilisummaa fi tokkummaan ishee eeggame akka dhaalaniif hojjetamaa jiraachuu ibsuun, wareegama yeroon gaafatu kaffaluun bu’aa jajjabeessaan argamaa jiraachuu kaasaniiru.
Akka fakkeenyaatti Muummeen Ministiraa Abiy jecha gochaan agarsiisuuf gara adda waraanaatti duuluun agarsiiftuu ta’uu eeruu EBCn gabaaseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.