Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 73 ol taasise 

Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Ministeerri Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaa lammiilee naannoo Amaaraa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 73 ol taasisuu ibsame.

Deegarsi taasifame dhaabbata deeggarsa Misoomaa Siwiidiiniirraa kan argame ta’uu ibsameera.

Dabalataan ministeerichi deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 3 fi kuma dhibba 6tti tilmaamamu taasiseera.

Sababa gocha garee shororkeessaa ABUTiin lakkoofsi lammiilee miidhaa hawaasummaaf saaxilamanii dabalaa jiraachuu Ministirri Ministeera  Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaa Dooktar Eergoogee Tasfaayee ibsaniiru.

Deeggarsi maallaqaa taasifame lammiilee naannichatti rakkoof saaxilaman kuma 45 oliif kan oolu ta’uu EBCn gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.