Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Uummata Booranaa Hongeen biidhamaniif deeggarsa taasiise

Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Uummata Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deegarsa garaagaraa taasiseera.
Biirichi hojjatoota sadarkaan jiran mara hirmaachiisuun Birrii miiliyoona 1.7 oliin zayita nyaataa liitira kuma 3 fi 336 fi miidhaan nyaataa kuntaala 500 bituun deegareera.
Deegarsi taasiifame kan jalqabaa ta’uu hoggantuun Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Aadde Addunyaa Ahimad ibsaniiru.
Godinaalee birootti rakkoolee mudataniifis deegarsa taasisuuf qophii ta’uu himaniiru.
Wayita biyya rakkoon akkaa muudatu wal bira dhaabachuu fi wal gargaaruu aadeffamuu qaba kan jedhan itti aanaa hogganaan Mana Murtii Waliigala Oromiyaa obbo Guyyoo waariyoon.
Hojjattooni biirichaa sadarakaan jiranis deegarsi kana dura taasisan akkuma jirutti ta’ee ammaan boodas waan danda’anii fi qabaniin lammiilee miidhan cinaa kan dhaabatan ta’uu Faanaa Broodkaastiin Korporeetiif himaniiru.
Addis Taamiraatiitu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.