Karaa hundumaan Warra jecha gochatti jijjiiru taanee, gootummaan dhaabbachuu fi wareegama kafaluun Ityoophiyaa ni ijaarra – Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) – Karaa hundumaan Warra jecha gochatti jijjiiru taanee, gootummaan dhaabbachuu fi wareegama kafaluun Biyya keenya Ityoophiyaa ni ijaarra jedhan Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Ummanni Oromoo Illaa diinaa kaleessa itti waraaname, diina isa waraanee fi eeboo cubbuu dhala namaa itti waraaname gonkumaa hin irraanfatu.
Gidiraa namummaa fi sabummaa nurratti raawwatame, waanjoo roorroo diinaa boqoo itti cabne, irree diinaa kichuu nu xooloogsite, summii diinni nu habbuuqqachiiseen waaroo salphinaa uffanne, hammeenyummaa shoorarkeessaa ABUT keenyaaf hamoommatee, hannaan hammaarratee, waraansa cinaachaa irkoo walii nu hanqisee hamilee fi ciqilee nu cabsee illaa garaa nu buuse gonkumaa hin irraanfannu.
Warri kaleessa qaamaaf hamilee nu naafeessee, dhiiga dhangalaasee nujjeesee, reeffa keenya bineessa nyaachisiise nu gidirsuuf nu ajjeesuu isaanii irraaffatanii nu irraanfachiisuuf yaalanillee nuti irraanfachuu fi dagachuuf lafee gootaa rasaasni diinaa adda buruqseetu nu waraanaa akkamitti irraanfanna, imimmaan haadha reeffa daa’ima isiirra teessee gatii rasaasaa kafalteetu xuurii nutti tahaa akkamiin daganna, dhalataa heegaree utubuutu qaamaa naaffatee godaannisni nurraa mullataa akkamitti irraanfanna.
Luuyinoomnee otoo hin tahin aadaaf qabnaaf gootomnee, garaa ballannee dhiifamaaf karraaf onnee bananne malee diinni keenya biyyoo awwaalcha qeerroowwan kumaatamaa akka haaraatti nu funfachiisuuf, keenya saamee kan isaa itti duroomee akka callee cittee bakka maratti akka faffacaanu, biyya teenya nuuf gaaddisaarraa godaannee baqaaf galaa akka taanu gadoof gadadoo biraatiin jaarsa qa’ee araaraa hanqisee daa’ima eegaree itti dukkansuuf yoom aggaammii isaarraa dhaabbate.
Diinni farra namoomaa gabrummaa haaraa nurratti fe’uuf wixxirfachuu ergii eegale bubbulee jira.
Daba daddabaa warra akka qoree dhooqqee keessaa alaa nu waraanuu barbaaduu fi ergamtuu garaaf jiraattu kan keessaa waliin xaxaniin gidiraa dhala namaarratti hin raawwatamne raawwachaa cunqursaa biraaf nu jilbiibfachiisuuf wixxirfataa jiru.
Gochaa diinaa biyya diiguu isaanii kana jala bu’ee Juntaas tahe shanee farad qa’ee diinaa akka lamuu hin kaanetti cabsanii awwaaluun bilisummaa biyyaa mirkanreessuuf Muummichi Ministiraa keenya Dooktor Abiyi Ahimad adda waraanaatti bobbahanii gootoota hoogganaa injifannoo cululuqaa galmeessisuuf murtee fi waamicha seena qabeessa taasisan Mootummaan Naannoo Oromiyaatii fi Ummanni Oromoo injifannoo, dinqisiifannoo fi kabaja gootaa olaanaan fudhatani jiru.
Hoggansi Mootummaa Naannoo Oromiyaas waamicha biyyaa yeroon gaafatu Muummicha Ministiraa keenyaan taasifame gammachuu onneerraa madden fudhachuun, nutiis akkuma gootoota abbootii keenyaa biyya dhiigaaf lafee gootootaatiin ijaaramte dhaloota eegaree dhaalchisuuf akkanumaas gama misoomaa fi hojii bulchiinsaatiiniis adda duree tahuun balaa biyya teenyarratti aggaamame qolachuuf qophaawoo tahuu keenya ni mirkaneessina.
Ummanni naannoo keenyaas waamicha ilma isaa Dooktar Abiyyi Ahimad eebba soona aadaatiin guddifatee anaa manna lammii koo, lubbuu koo manna biyya koof dursa jadhee, adda waraanaatti bobbahee goota bobbaasee diina adda waraanee cabsuuf kutatee ka’eef awwaatee bakka jiruu shaneef Juntaa shaneen ergamtuuf barbadeessee kalladoo nagayaafi misoomaa buqqisee akka birmadummaa biyyaa kabajchiisu waamicha koon dabarsa.
Qeerroo fi Qarreen kaleessa roorroon diinaa itti hammaattee harka duwwaa sinaayipara dura dhaabbatanii, ofii du’anii dhiiganii ,sabaaf aduu bilisummaa ibsan diina madaa kaleessaa tuttuqee nu cabsuuf, qa’ee warra keenyaarraa nu buqqisee irbaata bineessaa nu gochuuf nutti aggaame kana akkuma kaleessaa akka lamuu hin deebinetti awwaaluuf waamicha muummicha ministiraa keenyaa fudhatanii Raayyaa ittisaatti makamanii akka gootoowwan Oromoo Abdiisaa Aagaa, Baalchaa Saafoo, Garasuu Dhukii fi Jaagamaa keelloo faa diina barbadeessanii Oromoo boonsan Dhaloonni hardhaas seenaa gootummaa haaraa galmeessuun Oromoo fi Biyya akka boonsan waamichaan taasisaaf.
Waraana birmadummaa biyyaa kabajchiisuu otoo hin barbaadin itti galle injifannoon qolachuuf onnee guutuun akkuma kaane hunda sababii lola kaanaatiin diinagdeen keenya akka boodatti hin hafne ummanni keenya qa’etti hafe yeroo kamuu caalaa hojii misoomaa irratti bobbaane hundarratti bu’aa buufnee injifannoo dachaa galmeessisuun, Nageenya naannawa ofii mirkaneessuun seenaa dhalootaa haaraa galmeessisaa.
Dhumarrattiis hunduu akkuma amantaa isaa du’aa’ii fi kadhannaan biyya isaa akka gargaaru waamichaan dabarsa.
Shakkii tokko malee rabbis nu gargaara, yeroo gabaabaa keessatti diina gobnee injifannee Alaabaa Ityoophiyaa Awwaala diinoota nu diiganirra ni dhaabna.
Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisa
Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.