Lammiileefi dhalatoonni Ityoophiyaa hundi maqaa bilisummaa fi injifannoo ”Ityoophiyaa” jedhuu irratti aggaamamee eeguuf amaanaa seenaatu nurra jira-Aadde Adaanach
Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC)- Lammiileefi dhalatoonni Ityoophiyaa hundi maqaa bilisummaa fi injifannoo ”Ityoophiyaa” jedhuu irratti aggaamamee eeguuf amaanaa seenaatu nurra jjira jechuun Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.
Aadde Adaanach Abeebee haala waqtaawaa biyyarratti ergaa dabarsaniiru.
Kanaafis Manneen amantaa , jaarsooliin, haadhoolii fi abbootiin kadhannaan, dargaggoonni immoo gara addaa waraanaatti duuluun ergamtoota garee Baandaa, dinoota keenya seena qabeessii fi aggaammii biyyoota Dhihaa tokko tokkon nurratti aggaamame qolachuuf aarsaa kaffalamuu kaffallee ni fashaaleessina jedhan.
Gootummaa abboota keenya seenaa qofan oddeessina osoo hin taane dhaloonni kuni yeroo ammaa kana hoggansa biyyaa koo dura anaa jedhu biyyaa waaqayyoo kenneefi jedhan.
Hoggansi gootaa kunis lafa Ityoophiyaa kutee gurguruuf osoo hin taane daangaa ishee kabachiisuuf,waliigaltee taasisuuf osoo hin taane biyyaa isaaf dhiiguuf,ajjeessuuf osoo hin taane biyyaa isaaf du’uuf kan kutaate ka’ees jedhan.
Dhaloonni gootaa kunis diinaa biyyaa keenya hanga lafeen ishee hafutti nyaateefi hatee, biyyaa seenaa guddoo qabdu kan xiqqeesse, diinaa naannoo fi kutaan qoodee fi diinaa harma hadhaa isa ciniinee irratti gamtaan ka’uun diinaa taankiifi meeshaa waraanaa biroo hidhate haara’uus kan danda’ee jedhan.
Har’as diinoonni kunneen dhiiga dargaggootan dhiqachaa,ilaalchaa farraa Ityoophiyaa tarkaanfachiisa,diinoota keenya seena qabeessa waliin hariiroo uumuun Ityoophiyaa imalaa gara misoomaa jalqabde jirtu diiguuf garee Shororkeessa TPLF kan dures hin jiru jedhan.
Kanaafis gareen kun sirna bittaa bara dukkana taasisaa tureen haqaa dura dhaabachuu osoo qabu ammas uummataa Ityoophiyaa irratti sirna gitaa bittaa garbummaa deebisee irratti fe’uuf olii fi gad kaachaa jira jedhan.
Ityoophiyaan hin diigamtu,harka baandootafi diinoota seena qabeessa irrattis hin kuftuu yeroo jennu ofii keenya aarsaa taanee biyyaa keenyaa oolchina jechaa jirra.
Uummaanni Ityoophiyaa hedduunis kun ta’uu mannaa du’aa isa akka filatu itti naan amanaa.
Anis kun ta’uu mannaa kabajaa biyyaa koof aarsaa ta’uuf qophaa’uu koo isiin beeksisa jedhaniiru.
Kun yeroo itti rafaan miti,dammaqaa,ka’aa ammaa yeroo itti fuula dura diinoota keenya ilaalachaa farra Ityoophiyaa tarkaanfachiisanifi diinoota keenya seena qabeessa ta’an dhaabbannuusi,isaan ni awaalas.
Kanaafis Jiraattoonni magaalaa keenya hundi dargaggoonnii fi dubartoonni humnaafi fayyaa qabdan waamicha hoggansa keessan kutaata fudhachuun har’uma qabsoo gama hundaan taasifamutti makamaa.
Dhalattoonniif i lammiileen Ityoophiya kutaa garagaaraatti argamtaanis qabsoo fi mormii akkasumas diduu keessan cimsaa itti fufaas jedhan.
Lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa hundi maqaa injifataa fi walabummaa ‘Ityoophiyaa’ jedhuuf balaa irratti aggaamamee ittisuuf adaraan seenaa irra jiraa jedhaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna