Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duuluun birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf waadaa galan gochaan agarsiisuu muul’isa – Hayyoota

Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duuluun birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf waadaa galan gochaan agarsiisuu kan muul’isu seenaa haaraa ta’uu hayyoonni damee siyaasaa ibsaniiru.
Murtoon Muummee Ministiraa kun ummataaf fakkeenyaa fi hirmaannaa ummanni birmadummaa biyyaaf taasiisu kan guddisu ta’uu hayyoonni siyaasaa turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasiisaniin himaniiru.
Raayyaa Ittisaa adda waraanaatti duulaa jiruuf ammoo hamilee olaanaa kan uumuudha jedhan.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ityoophiyaaf nu caalaa eessayyuu hin dhufu jechuun adda waraanaatti duuluun isaanii seenaa haaraa ta’uu Yuunvarsiitii Dabra Birihaanitti Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa Dooktar Dagguu Asiras ibsaniiru.
Kunis Ityoophiyaa baraaruuf murannoo qaban kan agarsiisuudha jedhan.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Adwaa eegalee seenaa dursummaa adda waraanaa hoggantoonni taasiisuu turan dabaluu Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti Hayyuun Saayinsii Siyaasaa obbo Suraafeel Geetahuun eeraniiru.
Murtoon kunis Raayyaa Ittisaa fi Ummanni injifannoof caalmaatti akka kaka’an kan tumsu ta’uu himaniiru.
Murtoon muummee ministiraa kun injifannoo Ityoophiyaa mirkaneessuuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.
Barsiisaan Seeraa Yuunvarsiitii Walqixxee obbo Hayiluu Naggaa gama isaaniin murtoon muummee ministiraa, anis biyya koof maal hojjedhe? gaaffii jedhu akka of gaafannu kan taasiiu ta’uu himaniiru.
Gara Adda waraanaatti akkan duuluuf onnee natti horeera jechuun ibsaniiru.
Hayilayyasuus Makonniintu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.