Muummichi Ministiraa gara adda waraanaatti imalanii an ammoo sababan mana ta’uuf tokkollee hin qabu-B/J Kaasayee Camadaa
Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC)- Muummichi Ministiraa gara adda waraanaatti imalanii an ammoo sababan mana ta’uuf tokkollee hin qabu, ogummaa loltummaan qabutti fayyadamee diinaa biyyatti qolachuuf qophiidhaa jechuun Birgaadeer Jeneraal Kaasaayee Camadaan ibsaniiru.
Birgaadeer Jeneraal Kaasayeen haala waqtaawaa biyyarratti Tajaajila Oduu Ityoophiyaa waliin bilbilaan turtii taasisaniiru.
Muummichi Ministira gara adda waraanaatti duuluun isaanii raayyaa ittisa biyyaa adda waraanaatti duuleef jajjabinaa cimaadha jedhaniiru.
MM Abiy Ahimad murtoo kana fudhachuun isaanii Ityoophiyaa diinoota ishee yeroo gabaabaa keessaatti diinoota ishee akka injifattuu ni garagaraa jedhaniiru.
Jeneraalichi anis raayyaa ittisa cina hiriiree biyyaa koof aarsaa nan kaffalaa jedhaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.