Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen haqaa hojiirra oolmaa qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa mirkaneessuu qabu – Ministeera Haqaa

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014(FBC) – Qaamoleen haqaa qajeelfamoonni labsii yeroo ariifachiisaa haalaan hojiirra ooluu mirkaneeffachuu akka  qaban Ministeerri  Haqaa beeksise.

Labsichi kaayyoo isaa akka galmaan ga’uuf seera bu’uura godhachuun hojjechuu akka qaban ibseera.

Ministeerri haqaa labsii yeroo ariifachiisaa irratti dandeettii raawwachiistotaa guddisuuf waltajjii hubannoo uumuu gaggeesseera.

Waltajjichaan qaamoleen haqaa qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa haalaan hojiirra oolchuu akka qaban Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa hubannoo seeraa Yohaannis Girmaa  ibsaniiru..

Yeroo labsii yeroo ariifachiisaa mirgoonni hero mootummaan daangaan irra hin kaa’amne jiraachuu fi mirgoota kanneen kabajuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Namni tokko dirqama waraqaa eenyummaa gandaa qabachuu kan hin qabne, waraqaa eeyyama konkolaachistummaa, yookaan ammoo waraqaa eenyummaa mana hojii mootummaa fi sanada eenyummaasaa ibsu kamiinuu dhiyeessuun gahaa ta’uu kaasaniiru.

Labsiin yeroo ariifachiisaa labsame jechuun wanti hundi labsichaan uwwisama jechuu akka hin taane, qaamoleen nagaa kabachiisan maaltu uwwisama? Maaltu hin uwwisamu? Kan jedhu adda baasuu qabu jedhaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.