Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni “Carallaa”Dooktar Fedhasaa Maammoon barreeffame galma Aadaa Oromootti eebbifame

Finfinnee, Sadaasa 12, 2014 (FBC) – Kitaabni “Carallaa”Dooktar Fedhasaa Maammoon barreeffame galma Aadaa Oromootti eebbifameera.

Kitaabni Diinagdee fi Biizinasii irratti xiyyeeffachuun barreeffame kun qabiyyeedhaan kitaaboota kanaan dura barreeffamanirraa adda jedhameera.

Dargaggoonni yeroo hedduu hojii jalqabuuf fedhii fi maallaqa kan qabanis akkamiin akka jalqabanii fi milkaa’uu akka danda’ani baruu dhabuun gufuu itti ta’aa jira.

Kitaabni “Carallaa” kanaaf deebi qabdi kan jedhaniiru barreessaan kitaabichaa Dooktar Fedhasaa Maammoon .

Dhaloonni hojiin bifa salphaadhaan wal arguu akka danda’aanis kitaabni Biizinasi “Carallaa”Kallattii agarsiisti jedhaniiru.

Kitaabichi Hayyoonni,barreessitoonniifi keessummoonni waamichi taasifameef bakka argamanitti Galma Aadaa Oromootti har’a eebbifameera.

Yidnaqaachoo Hayilamaramtu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.