Gaazixeessitoonni dubartoota 5 galaa kuntaala 100 raayyaa ittisa biyyaaf laatan
Finfinnee, Sadaasa 11, 2014 (FBC)- Gaazixeessitoonni dubartoota 5 galaa kuntaala 100 raayyaa ittisa biyyaaf laataniiru.
Gaazixeessitoonni kunneen miidiya hawaasatin kan walitti qaban Birrii kuma 700 oliin gala kuntaala 100 ol raayyaa ittisa biyyaaf laataniiru.
Deeggarsicha raayyaa ittisa biyyaatti daayreektarri damee dubartoota Mejer Jeneraal Xiruuyyee Asaffaaf laataniiru.
Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saanii fi Miniisteerri dhimmoota dubartootaa fi hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee sirna deeggarsicha laachuurratti argamaniiru.
Aadde Caaltuun erga dabarsaniin, rakkoo Ityoophiyaa muudatee waloon ni qolannaa jedhaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna