Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnoota idil addunyaa sababa qubsaa malee hojii baruu fi barsiisuu dhaabaniif akeekkachiisi laatame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2014 (FBC)- Manneen barnoota idil addunyaa sababa qubsaa malee hojii baruu fi barsiisuu dhaabaniif akeekkachiisi laatamuu ibameera.

Gareen shororkeessaa ABUT saamichaa manneen barnootaarratti kaayyeffatee hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Ministir deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa aadde Salaamaawwit Kaasaa guyyaa har’aa ibsa laataniiru.

Ibsichaanis garichi saamicha manneen barnootaarratti kaayyeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaan walqabsiisee manneen barnoota hawaasa haammatee 7 fi manneen barnoota idil addunyaa 19 sababa qubsaa malee hojii baruu fi barsiisuu dhaabuun himaniiru.

Bu’uruuma kanaan Ministeerri Barnoota manneen barnoota idil addunyaa 3’f xalayaa akeekkachisaa barreessuu ibsaniiru.

Ibsichaanis labsii yeroo ariifachiisaa hordofee lammiileen deebii ariifataa laachuun meeshaalee waraanaa isaanii galmeessuu ibsuun, kanaan walqabsiisee karaa seeraan alaa meeshaalee waraanaa to’annaa jala ooluus himaniiru.

Dhiyeenyattis galmee meeshaalee kominikeeshinii eegaleera kan jedhan ministir deetaattin, kompaasiin, manatsariin dirree waraanaa, raadiyoo qunnamsistuun, reediyoon, neetwoorkiin saatalayiitii fi kanneen biroo lammiileen galmeessisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Lammiileen haala qabatamaa yeroo keessaa galchuun sarara bilbilaa bilisa 933 irratti bilbiluun eeruu laachuu akka danda’aan waamichi dhiyeessaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.