Proojektiin misooma kuduraa fi muduraatiin Ityoophiyaa fayyadamtuu taasisu ifoome
Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Proojektiin misooma kuduraa fi muduraa akkasumas sharafa alaa damichaan argamuun Ityoophiyaa fayyadamtuu taasisu ifoomeera.
Abbaan Taayitaa Maariitaayimii Ityoophiyaa misooma kuduraa fi muduraa ilaalchisee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii gaggeesseera.
Waltajjii marii kanaan proojektii qorannoo misooma kuduraa fi muduraan Ityoophiyaa fayyadamtuu taasisu ifoomseera.
Proojektichi ijaarsa buufata tursiisaa fi geejjiba kuduraa fi muduraa “Kuul Poort Addis” jedhamu yeroo ta’u bu’uuraalee misoomaa kuduraa fi muduraaf mijatoo ta’an kan qabu ta’uu ibsameera.
Proojektichi magaalaa Moojootti kan ijaaramu yoo ta’uu, kuduraalee fi muduraalee baay’inaan Ityoophiyaa keessatti oomishaman gara biyyoota garaagaraatti erguun sharafa alaa olaanaa kan argamsiisu ta’uu eerameera.
Mootummaa Ityoophiyaa fi Neezerlaandiin kan ijaaramu proojektiin kun Ityoophiyaan oomisha ergituun gabaarratti dorgomtuu akka taatuu fi ce’umsa teeknooloojii kan argamsiisu ta’uu ibsameera.
Maddi:TOI
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna