Naannoo Oromiyaatti dhorkiin sochii halkanii namaa fi konkolaataarra kaa’amee ture yeroof kaafame
Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti dhorkiin sochii halkanii namaa fi konkolaataarra kaa’amee ture yeroof kaafamuu Haatii Alangaa naannichaa aadde Addunyee Ahimad ibsaniiru.
Aadde Addunyeen ibsa miidiyaaleef laataniin, Sadaasa 3 irraa eegalee naannichatti halkan sa’aatii 3 hanga barii sa’aatii 11:30tti labsiin sochii namaa fi konkolaataa dhorkuu hojiirra ooluu turuu kaasaniiru.
Sochii amma jirun bu’aan gaariin galmaa’uu ibsuun, sochiin diinagdee naannichaa fi biyyatti akka hin miidhamneef yaada keessaa galchuun murtichi irraa deebiin darbeera jedhan.
Kana jechuun haaloonni itti aanaan ilaallamuu labsichii irra deebiin guutuumma naannichaatti akkasumas haalli nageenyaa qabatamaa iddoowwan tokko tokkoo argamuu akka dandaa’aan kaasaniiru.
Dhorkiin sochii kun yeroof ka’uus sakattoon barbaachisaan qaamolee nageenyaa fi gurmaa’insii uummataa cimee kan itti fufuu ta’uu himaniiru.
Afawarq Alamuu fi Minaalee Gabayyootu gabaase
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna