Jilli Itti gaafatamaan Waajjira preezdaantii MNO Obbo Geetuun durfamu proojektii naannawaa Hora Laangaannootti hojjetamaa jiru daawwate
Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Jilli Itti gaafatamaa Waajjira preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Geetuu Wayyeessaa fi Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoon durfamu proojektii misooma investimentii hoteelaa fi riizoortii naannawaa Hora Laangaannootti hojjetamaa jiru daawwateera.
Godina Arsii lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti qabeenyaa uumamaa naannawaan hora Laangaannootti argamu jillichaan daawwatameera.
Daawwannicharratti Obbo Geetuu Wayyeessaa dabalate itti gaafatamaan Waajjira Maallaqaaf Walta’iinsa Diinagdee Oromiyaa Obbo Tolasaa Gaddafaa, Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoon argamaniiru.
Proojektiin baajata Mootummaatiin ijaaramaa jiru kun, bakkewwan,gurguddoo saditti qoodamuun hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Proojeektii kunnenis, Mooraa Shabale lakkoofsa 1ffaa, bakka dhaabbii konkolaataa, manneen siree ammayyaa, Cirracha qarqara hora Laangaannoo fi iddoo bashannanaa “Camp fire” ijaarsa kan jalqaban ta’uu himameera.
Dabalataanis proojeektiwwan naannoo bishaan hoo’aa ganda Xuffaatti argamuu, bishaan hoo’aa gaandaa fi diishii keessa lolaasuun iddoo bashannanaa miidhaagaa fi hawwataa qopheessuu hojjetamufi jedhameera.
Kana malees proojeektiwwan ijaarsa manneen naannawaa hora Laangaannoo irratti ijaaruu fi tulluuwwan hora Laangaannoo gidduu jiran walitti hidhuun riizoortii miidhagaa fi hawwataa taasisuun,Laangaannoo uumamaa fi Aadaa naannootiin miidhagsuun hawataa taasisuuf Mootummaan xiyyeeffannaan hojii jalqabuu Obbo Geetuu Wayyeessaa himuu ragaan waajjira dhimmota kominikeeshinii godina Arsii Lixaarra argamee ni muul’dhisa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna