Fana: At a Speed of Life!

Tokkoon tokkoo lammiilee Ityoophiyaa Seenessa dabe qolachuuf qooda isaa ba’uu qaba – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Tokkoon tokkoo lammiilee Ityoophiyaa Seenessa dabe qolachuuf qooda isaa ba’uu qabu jedhan  Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Seenessa dabsuu biyyarratti baname duubatti deebisuu fi qolachuuf tokkoon tokkoo Ityoophiyaanotaa qoodasaanii akka ba’an Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaanonni qaamoleen gaarii Ityoophiyaa hin barbaanne seenessa dabeen biyyattiirratti waraana banuu isaanii dagachuu hin qaban jedhan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Hojii seenessa dabsuu hojjetamaa jiru qolachuuf tokkoon tokkoo lammiilee Ityoophiyaa qooda isaanii ba’uu akka qaban ibsaniiru.

Tokkumma sabdaneessaan seena mataa keenya ofii keenyaan ni hojjenna jechuun ergaa dabarsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.