Manni Barumsaa Leenjii humna Galaanaa Ityoophiyaa ogeeyyii galaanaa boqonnaa jalqabaan leenjisaa ture eebbisiise
Finfinnee, Sadaasa 7, 2014 (FBC) – Manni Barumsaa Leenjii humna Galaanaa Ityoophiyaa ogeeyyii galaanaa boqonnaa jalqabaan leenjisaa ture eebbisiiseera.
Ogeeyyiin kunneen leenjii loltummaa galaanaa laatamu ga’umsaan xumuruu fi dandeettii humna galaanaa ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu bakka bu’aan Ajejaa Olaanaa Humna Galaanaa Komaandar Waalaatsaa Waachaan ibsaniiru.
Garee shororkeessaa biyya diiguuf humnoota alaan dhiibbaa jiru dhabambsiisuu cinaatti dandeettii dirqama humna galaanaa Ityoophiyaa giddusuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Sagantaan Leenjii boqonnaa 2ffaa Haroo Baabboogaayyaa Bishooftuutti laatamuu eegaleera.
Leenjitoonni leenjii ogummaa loltummaa galaanarraa mana barumsaa humna galaanaan laatamuufi ga’umsaan raawwachuun ergama kamiifiyyuu qophii ta’uu akka qaban bakka bu’aan Ajejaa Olaanaa Humna Galaanaa Komaandar Waalaatsaa Waachaan ibsuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.