Naannoo Somaaleetti duulli talaallii beelladootaa eegalame
Finfinnee, Sadaasa 7, 2014 (FBC) – Naannoo Somaaleetti duulli talaallii beelladootaa daangaa ce’aa bakka hoggantoonni mootummaa naannoo fi Federaalaa argamanitti ifatti eegalame.
Duulli kun gandoota aanaa Qabirii Bayyaa keessatti eegalamuu himameera.
Duulli kun duula talaallii idil addunyaa dhibeewwan beelladootaa daangaa ce’aa garaagaraa ta’uu Gorsaan Ministir Deettaa Qabeenya Beelladootaa Dooktar Yohaannis Girmaan dubbataniiru.
Dhibichi oomishaa fi oomishtummaa Foonii fi aannanii kan hir’isu ta’uu isaan dhibicha ittisuuf Beelladoota talaalichisuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Jireenyi hawaasa naannichaa harki caalu hormaata beelladootaarratti kan hundaa’e ta’uu isaan dhibee daangaa ce’aa ittisuun dirqama ta’uu Daayreekterri Daayreektoreetii Ittisaa fi to’annoo Dhibee Ministeerichaa Dooktar Wibusheet Zawdeen eeruu isaanii ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.