Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 30 olitti tilmaamamu to’ataman

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii alaa galanii fi ala ergii Birrii Miiliyoona 30 olitti tilmaamamu to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Hordoffii komishinichi  torban darbe taasiseen meeshaaleen kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 26 fi kuma dhibba 1 tilmaamamanii fi Alergii  Birrii miiliyoona 3 fi kuma dhibba 9 tilmaamamu  dameewwan 11tti to’atamuu eerameera.

Meeshaalee Kontiroobaandii alaa galan to’achuun  dameewwan Gumurukaa Jigjigaa, Mooyaalee fi Dirree Dawaa dursa kan qabatan yoo ta’u waajjiraaleen kunneen walduraa duubaan  meeshaalee koontiroobaandii Birrii miiliyoona 10.6, 4.8 fi1.6tti tilmaamaman to’achuu ibsameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.