Fana: At a Speed of Life!

Kaayyoon labsichaa birmadummaa biyyaa baraaruuf waan ta’eef hundi itti gaafatamummaasaa ba’achuu akka qabu gaafatame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Kaayyoon labsii yeroo ariifachiisaa birmadummaa biyyaa baraaruuf waan ta’eef hundi itti gaafatamummaasaa ba’achuu akka qabu gaafatameera.

Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Qajeelcha Lixaa fi godina Wallagga Bahaatti miseensonni Poolisii Oromiyaa labsii yeroo ariifachiisaa akka biyyaatti labsame ilaalchisee tarreeffama raawwii fi ga’ee raawwachiistotaa irratti mari’ataniiru.

Kaayyoon labsii yeroo ariifachiisaa balaa garee shororkeessitoonni ABUT fi Shanee biyyarratti aggaaman qolachuuf ta’uu hogganaan mahaandisa Raayyaa Ittisa Biyyaa qajeelcha Lixaa Koloneel Girmaa Wandaafraash ibsaniiru.

Hogganaan garee haqaa ajeja Lixaa Leetenaal Koloneel Nigusee Abbabaaw gamasaaniin, dhimmoonni labsii ariifachiisaan tarreeffaman kaayyoo badii garee shororkeessitootaa fashaleessuun birmadummaa biyyaa baraaruuf  waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf hundi itti gaafatamummaasaa haalaan bahachuu qaba jedhaniiru.

Karaa sababaawaa ta’een namni dhuunfaas ta’e dhaabbileen garee shororkeessitootaaf deeggarsa meeshaas ta’e maallaqaa taasisuun shakkaman ajeja mana murtii malee sakattoon akka irratti gaggeeffamu labsichi kan eeyyamu ta’uu kaasuu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.