Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Sidaamaatti namoonni garee shororkeessitootaa waliin hidha qabaachuun shakkamman to’ataman

Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) –  Naannoo Sidaamaatti namoonni garee shororkeessitootaa waliin hidhan qabanii fi deeggarsa taasiisuun shakkaman to’atamuu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa beeksise.

Miseensota Raayyaa Ittisaa kan turanii fi yakka biyya ganuu raawwachuun kunneen magaalicha keessa dhokatan jiraachuu hogganaan Biirichaa obbo Alamaayyoohu Xiimootiiwoos dubbataniiru.

Sakattoo tibbana magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru dheeffuun magaalaa Hawaasaa keessatti mana kireeffachuun dabtaroota herreega Baankii garaagaraa waliin shakkamtoonni to’atamuu ibsaniiru.

Balaa birmadummaa biyyaarratti aggaamame yeroo gabaabaa keessatti qolachuuf labsii yeroo ariifachiisaa hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.