Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti dargaggoonni kumni 27 ol qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun nageenya magaalichaa eegsisuuf hojjechaa jiru jedhame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti dargaggoonni tola ooltonni  kumni 27 ol qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun nageenya magaalichaa eegsisuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Biirichi mata duree “ Qabsoo hadhaa’aan injifannoo mi’aawaa ni dhandhamanna” jedhuun waltajjii marii dargaggootaa gaggeesseera.

Waltajjichaarratti dargaggoonni kutaa magaalaa hundarraa walitti ba’an kumni 2 ol hirmaachuu ibsameera.

Dargaggoonni magaalichaa nageenya naannoo isaanii eegsisuun hojii bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuu hogganaan biirichaa obbo Abrahaam Taaddasaa ibsaniiru.

Dabalataanis dargaggoonni Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun, deeggarsa maallaqaa fi meeshaalee taasisuun akkasumas dhiiga arjoomuun hirmaannaa boonsaa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Deeggarsi Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuuf taasifamuu fi tattaaffiin  dhiibbaa alaa qolachuuf taasifamu cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.