Hojiin oomisha gahe sassaabuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Oomisha sassaabbiif gahe qisaasama tokko malee sassaabuuf xiyyeeffannoo olaanaan kennamee hojjetamaa jiraachuu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu ibsaniiru.
Qonna gannaa bara 2013/14tiin lafti hektaarri miiliyoonni 6 fi kumni dhibbi 3 midhaan gosa adda addaa teeknooloojiiwwan qonnaatti gargaaramuun misoomuun yeroo ammaa sassaabamaa jiraachuu ibsaniiru.
lafti hektaarri miiliyoonni 3fi kumni dhibbi 4 kilaasteraan misoomuun waliigala oomisha callaa kuntaala miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 98 argachuuf karoorfamuu obbo Geetuun kaasaniiru.
Haalli qilleensaa bara kanaa oomishaaf mijataa ta’uu fi oomishni sadarkaa gaariirratti akka argamu ibsaniiru.
Oomishni bakkeewwan adda addaatti akkuma walduraa duubaan sassaabbiif gahaa jirutti hawaasni maatiisaa fi aadaa walgargaarsaa qabuun oomisha gahe sassaabaa jiraachuu eeraniiru.
Yeroo ammaa lafa misoome keessaa oomishni lafa hektaara miiliyoonni 1fi kumni dhibbi 4 ol ta’u sassaabbiif gahuu fi hanga ammaatti lafa hektaara Miiliyoona 1 olirraa oomishni humna namaa fi Kombaayinaraan walitti qabamuu ibsaniiru.
Oomishini bara kana abdatamu qisaasama tokko malee akka sassaabamu qonnaan bultoonni, barattoonni, jiraattonni magaalaa fi kutaaleen hawaasaa hirmaannaa irraa eegamu gochuu akka qaban kallattiin taa’ee hojjetamaa jiraachuu obbo Geetuun dubbataniiru.
Hawaasni tajaajila tola ooltummaatiin namoota humna hin qabneef deggersa barbaachisu gochuun oomishasaanii akka walitti qaban dhaamaniiru.
Haala qilleensaa jijijjiiramuun rooba yeroosaa hin eeggannee fi balaa Awaannisni oomisharraan gahu hambisuuf xiyyeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Muuxannoo waggoottan darban iddoo tokko tokkotti balaa oomisharraan gahe giddugaleessa godhachuun hojiin dursanii ittisuu hojjetamaa akka turee fi bara kana yaaddoon akka hin jirre ibsuu isaanii ragaan Biiricharraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.