Raayyaa Ittisaaf Bassoo kuntaala 100 qopheessuuf sochiin eegale
Finfinnee ,Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Qideessuummaa gaazexeessitoota dubartootaa shaniin raayyaa Ittisaaf Bassoo kuntaala 100 qopheessuuf sochiin eegaleera.
Sochiin deeggarsaa galaa raayyaa ittisaa biyyaaf qopheessuu kun Kutaa Magaalaa Araadaatti eegaleera.
Daayreektarri Daayreektooreetii Dhimma Dubartootaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar jeeneraal Xiruyyee Asaffee, sagantaa sochii kana eegalchisuurratti argamuun sochii waamicha biyyaa taasifameef deebii kennuuf eegalameen dubartoonni biyya isaanif deeggarsi taasisaa jiran agarsiistu tokko jedhaniru.
Yeroo ammaa kanaas dubartoonni hedduun adda waraanaatti aantummaan wareegama kaffalaarratti argamu jedhaniru.
Kunis Magaalootaattis cimee itti fufeera jedhan.
Gareen shoroorkeessaa kun magaalootaattis gochaa badaa raawwachu waan danda’uuf deeggarsa taasifamaa jiruun cinatti sochiin naannoowaa isaanii garee shoororkeessaa kanarraa eeguun itti fufuu qabaas jedhan Meejar Jeeneraal Xiruuyyeen.
Maddi:- DhPI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.