Godina Booranaatti lammiilee Hongeen miidhamaniif midhaan kuntaalli kumni 36 raabsamuu ibsame
Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Godina Booranaatti lammiilee Hongeen miidhamaniif midhaan kuntaalli kumni 36 ol raabsamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Misoomaa naannoo Oromiyaa beeksiise.
Mootummaan sababa gogiinsaan beelladoonni akka hin miidhamne Birrii miiliyoona dhibba ol ramadee hojjechaa jiraachuu eerameera.
Hanga ammaatti nyaata beelladootaaf Birriin miiliyoonni 10, dhiyeessii bishaaniif birrii miiliyoonni 20 hojiirra ooluu Itti Aanaan Komishinichaa Komishinar Garramoo Oliiqaan dubbataniiru.
Maallaqa ramadameen al Birrii miiliyoonni 30 dhiyeessii Bishaanii fi Birrii miiliyoonni 20 ammoo bittaa margaaf akka ooluu murtaa’uu kaasaniiru.
Hongeen Godina Booranaa Aanaalee 13 keessatti kan muudate ta’uu ibsuun hanga ammaatti lubbuu namaarra miidhan qaqqabe jiraachuu baatus Beelladoonni hedduun du’uu ibsaniiru.
Dabalataan Godina Gujii, Harargee Lixaa, Bahaa, Baalee fi Baalee Bahaattis hongeen kun hanga tokko muudachuu himaniiru.
Komishinichi Midhaan nyaataa kuntaala kuma 25 dhiyeessuu fi kan hafe mootummaa hawaasa naannichaan uwwifamuu Komishinara Garramoon ibsaniiru.
Nyaanni beelladoota beeliin kumni dhibbi 1 fi kumni 93 ol raabsamaa jiraachuu kaasaniiru.
Maddi:- TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.