Nageenyaa eegsisuu cinaatti wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jira- Musxafee Mahaammad
Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC) – Nageenyaa eegsisuu cinaatti wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad ibsaniiru.
Jilli Preezdaant Musxafeen durfamu godina Shabaleetti dawwannaa hojii misoomaa taasiseera.
Jilichi aanaa Beer Aannootti misooma qonnaa jallisii laga Waabee Shabalee fayyadamuun lafa heektara 475 irratti misoomaa jiru daawwateera.
Yeroo ammaa hojiin misooma jallisii bu’aa olaanaa argamsiisaa jiraachuu ibsameera.
Naannichatti misoomni jallisii laga Waabee Shabaleerratti hojjetamaa jiru oomishaalee qonnaa gatii madaalawaan gabaa biyya keessaaf dhiyeessuun tattaaffii midhaan nyaataan of danda’uuf taasifamuu fi dhiibbaa jiru dandamachuuf qooda olaanaa qabaachuu daawwannichaan ibsameera.
Mootummaan uummanni naannichaa guutumaan guutuutti horsiisee bultummaarratti qofa akka hin hundoofneef hojii qonnaarratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu Preezdaantiin naannichaa obbo Musxafee Mahaammad ibsuu Miidiyaan naannoo Somaalee gabaaseera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.