Gargaaraan Proofeesaraa Ballaxaa Mollaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Biriitaaniyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC)-Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii gargaaraan Proofeesaraa Ballaxaa Mollaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Biriitaaniyaa Dooktar Alaasateeyir Maakfeeyiliin waliin mari’ataniiru.
Hariiroo bara dheeraa biyyoota lameen gidduu ture fayyadamummaa waloo mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu gargaaraan Proofeesaraa Ballaxaan ibsaniiru.
Biriitaaniyaan biyyoota damee saayinsii, teeknooloojii fi innooveeshiniin muuxannoo guddaa qaban keessaa tokko ta’uu eeruun, muuxannoo damichaan qabdu Ityoophiyaaf akka qooddu tumsi taasifamu cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Gama biroon mootummaan Ityoophiyaa haala qabatamaa biyya keessa jiruuf furmaata waaraa barbaaduuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsa taasisaniiru.
Ambaasaaddar Dooktar Alaasateeyir Maakfeeyiliin gamasaaniin, biyyoonni lameen hariiroo bara dheeraa qabaachuu himuun, biyyisaanii Ityoophiyaaf damee hundaan tumsaa fi deggarsa taasisaa turuu ibsaniiru.
Gara fuula duraattis dameewwan deeggarsa barbaachisan adda baasuun deeggarsa kan taasisan ta’uu himuusaanii ragaan Ministera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.