Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoonni Aanaa Fadiisi Bishingaa sanyii filatamaa kilaasteraan oomishaan abdii nutti horeera jedhan

Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC)- Qonnaan bultoonni godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Bishingaa sanyii filatamaa kilaasteraan oomishuun abdii nutti horeera jedhan

Aanaa Fadisitti kanaan dura bishingaas ta’ee gosa midhaan biroo kilaasteraan oomishuun baratamaa ta’uu baatus,  oomishaa fi oomishtummaa qonnaa dabaluuf tarsiimoo qabame hojitti hiikuuf qonnaan bulaaf hubannoo uumameen yeroo ammaa bishingaa sanyii filatamaa Malkasaaa jedhamu kilaasteraan oomishaa jirra jedhan qonnaan bultoonni.

Kanaanis bara kana akka aanichaatti lafa heektara 250 ol irratti bishingaan sanyiin filatamaan kilaasiraan oomishamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Misooma Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Fadis Obbo Charuu Qananiisaa himaniiruu.

Bulchituun aanaa Fadis Aadde Soozit Muhaammad,  qonnaan bulaan nyaataan of danda’ee gabaaf dhiyyeessuu akka danda’uuf tarsimoo qonnaa fooyya’aa lafa qabsiisuuf ogeeyyii misooma qonnaa fi qonnaan bulaa wajjiin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Nageessoo Kadirtu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.