Yeroo ammaa Ityoophiyaa ishee guddoo ijaaruuf hojjechaa jirra – MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC) – Haala hin taaneen iccitii biyyaa akka diinni argatu taasiisuun sirrii miti jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
Lolli yeroo ammaa qabnu lola bu’uuraa rasaasaa osoo hin taane olola sobaat jedhan marii Addis Wag irratti argamuun yaada dhiyeessaniin.
Diinni yoo sobes qaama gaafatuu fi akka hin sobne hamilees hin qabu waan ta’eef olola sobaa tamsaasaa jira jedhan.
Mootummaan garuu olola sobaa afarsuuf fedhiis hamilees hin qabu jedhan.
Injifatamuun seenaa keenyaa miti, Ityoophiyaanoonni nagaa buusuu barbaadu, kana galma godhachuun ni hojjenna jechuun ibsan.
Waggoottan 30 darban miirri obbolamummaa akka laafu hojjetamaa turuu kaasan.
Yeroo ammaa Ityoophiyaa ishee guddoo ijaaruuf hojjechaa jirra jedhan.
Ityoophiyaan qormaata hunda injifachuun injifannoo akka galmeessitu wareegama barbaachisu kaffalaa jirras jedhan.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.