Ajejni labsii yeroo Ariifachiisaa haala raawwii hanga ammaatti jiru gamaaggamuun ibsa baaseera
Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC) –Ajejni labsii yeroo Ariifachiisaa haala raawwii labsichaa hanga ammaatti jiru gamaaggamuun ibsa laateera.
Ajejichi waamicha biyyaalessaa dhiyaate hordofee deebii <span;>hawaasaasni laate, raawwii fi tarkaanfii waraanni fudhate ilaalchisee injifannoon galmaa’uu mirkaneesseera.
1.Duula birmadummaa kabachiisuuf naannoo Amaaraa, Afaarii fi Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru hordofee hawaasni adda wanaanaa hundaan hirmaannaa hoo’aa taasiisaa jiraachuu ibseera.
2.Adda Baatii – Asagiitaatti guyyoota 9 darban of eeggannoon tarkaanfiin 20 ol ta’an fudhatamuu ibseera. Tarkaanfii qindoomaa Humni addaa, Milishaan naannoo Afaarii fi Raayyaan Ittisaa fudhataniin humnoota diinarra kisaaraa cimaan ga’uu eereera.
Garichi yaaliin Miillee qabachuuf taasiise abjuu ta’eera.
3.Weerarri Juuntaan Daangaa naannoo Tigraayii fi Afaariitti bifa haaraan bane <span;>Humna addaa fi Milishaa naannoo Afaariin fashalaa’uu himeera.
4.Weerarri humnoonni diinaa adda waraanaa Warra Iluun babal’ifachuuf yaalaan Milishaa fi Raayyaa Ittisaan rukutamuu eereera.
5.Adda Waraanaa Aqastaan yaaliin juuntaan taasiise Milishoota Godina Awwii, Goojjama Lixaa, Bahaa fi Kibba Walloon haleellamuu himeera.
6.Adda Waraanaa Kamiseen guyyoota shanan darban Raayyaan Ittisaa, Milishaan Godina Addaa Saba Oromoo fi Shawaa Kaabaa wareegama kaffalaniin weerartoota qolachuun danda’amuu himeera.
7.Adda Waraanaa Maayitsaabiriin yaaliin haleellaa humnoota diinaa fashalaa’uu eereera.
Naannoo Amaaraa fi Afaariitti waamicha biyya baraaruu taasiifame hordofee tarkaanfii fudhatameen Waliigala injifannoo boonsaan argamuu himeera.
8.Naannoo Oromiyaa Shawaa Kaabaa, Lixaa,fi Horrooguduruu Wallaggaa aanaalee tokko tokko keessatti ergamtoonni ABUT shaneen yakka ajjeechaa, saamicha qabeenyaa raawwachaa turan irratti humni addaa, milishaan naannichaa, Raayyaan Ittisaa fi Poolisiin Federaalaa tarkaanfiin waloon fudhataniin injifannoon boonsaan galmaa’uu Ajejichi ibseera.
Ummaanni Ityoophiyaa waamicha taasiifame fudhachuun tarkaanfii waloo fudhataniin injifannoo galmaa’eef Izziin Qajeelcha labsii yeroo ariifachiisaa galate dhiyeesseera.
Injifannoon kunneen cimanii akka itti fufaniif ajajoonni sadii darbaniiru.
1.Sochiin qindaawaa humnoota nageenyaaqajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa raawwachiisuun guyyoota darban keessatti bu’aaleen jajjabeessoon galmaa’aniiru. Kana malees gochaalee seeraan alaa to’ataniiru, meeshaalee waraanaa seeraan alaa to’ataniiru. Hojiileen kunneen diina kan rifachiise yoo ta’u, humnoota nageenyaa maqaa balleessuun, rifachiisuun hojiisaanii ciminaan akka hin hojjenne socho’aa jiru. Gama biraatiin humnoonni nageenyaa carraa kanatti fayyadamuu barbaadan jiraachuusaanii ajajichi mirkaneeffateera. Qaamolee akkanaarratti raagaalee qabatamaarratti hundaa’uun tarkaanfii irra hin deebi’amne akka fudhatamu ajajni kennameera.
2.Humnoonni nageenyaa warra ummataaf yaaddoo ta’an qulqulleessuf sochii taasisan akka deeggaru kireessaan hundi ragaa guutuu eenyummaa kireeffataa ibsu guyyaa ibsi kun bahe irraa kaasee torban tokko keessatti buufata Poolisii naannoo isaatti argamutti akka galmeessisu ajajameera.Warra kana hin raawwanne irratti tarkaanfii barbaachisu akka fudhatamu ajajni darbeera.
3.Namoonni seeraan ala ta’an Baankiin biyyaaleessaa dambiifi qajeelfamoota baasee akkasumas hojimaata Baankoota alaa sanada seeraan alaan maallaqa naanneessaa jiraachuunisaanii irratti gahameera.Kanaafis yerootti tarkaanfiin fudhatameera.Waan ta’eefis dambiifi qajeelfamaa dursa bahaniin ala baankoota hojjechaa argaman irratti labsii yeroo ariifachiisaa bu’ura godhachuun Baankiin Biyyaaleessaa Itoophiyaa qaamoota seera raawwachiisan waliin qindaa’un tarkaanfii cimaa akka fudhatu ajajameera. Qaamni kamiyyuu sanada daddabarsa maallaqa seeraan alaa qabatee argamerratti yeroo kamiyyuu caalaa tarkaanfiin cimaa irratti fudhatama.
Ajaja Labsii Yeroo Ariifachiisaa
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.