Gabaasni qorannoo walitti bu’iinsa Tigraay irratti gaggeeffame akka Idil Addunyaatti fudhatama argate- Komishinii Mirga Namoomaa
Finfinnee, Sadaasa 1, 2014 (FBC) – Gabaasni qorannoo waloo Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa fi Waajjira olaanaa Komishinii mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin walitti bu’iinsa Tigraay ilaalchisee gaggeeffame sadarkaa Idil Addunyaatti fudhatama argachuu Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Gabaasicha biyyoonni 16 fi miseensonni Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fudhachuu Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Dooktar Daani’eel Baqqalaan ibsaniiru.
Biyyoonni gabaasicha dhaggeeffatan dhaabbileen lamaan qorannoo walaba ta’e gaggeessuu isaanii galateeffatanii jedhan Dooktar Daani’eel.
Qaamoleen walitti bu’iinsa keessatti hirmaatan gaafatamuu akka qaban waamichi dhiyaachuu ibsameera.
Maddi:-DhPI
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.