Fana: At a Speed of Life!

Yaadni murtoo miseensota  koree gorsituu dhimmoota mana maree moggaasuuf dhiyaate ragga’e

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2014 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee har’a gaggeesseen yaada murtoo miseensota  koree gorsituu dhimmoota mana maree miseensota 11 of keessaa qabu moggaasuuf dhiyaate raggaasiseera.

Yaada murtoo kanaan kan dhiyaatan miseensonni  koree gorsituu dhimmoota mana maree Af Yaa’ii fi Itti aanaa Af Yaa’ii mana marichaa, Ministiroota fi  Itti waamamaa Mootummaa, Paartilee siyaasaa Morkattootaa akkasumas miseensota Paartii biyya bulchuu kan of keessatti haammatu ta’uu eerameera.

Manni marichaa walga’ii isaa har’aan yaada murtoo gurmaa’insaa, caaseffamaa fi raawwii koree dhaabbii mana marichaa murteessuuf dhiyaate qoratee raggaasiseera.

Koreewwan dhaabbii mana marichaa gurmaa’insa 11 kan qabu yoo ta’u, tokkoon tokkoon isaanii of jalatti miseensota 9 hanga 13 kan qaban ta’uu ibsameera.

Muudama Koree dhaabbii tokkoon tokkoo, walitti qabaa fi itti aanaa walitti qabaa dabalatee miseensota korichaa sagalee caalmaan raggaasiseera.

Hayilayyesuus Siyyumtu gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.