Deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf Birrii biiliyoonni 1.5 ol walitti qabame
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2014 (FBC) – Sagantaa Deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf gagggeeffameen Birrii biiliyoonni 1.5 ol walitti qabameera.
Raayyaa ittisa biyyaa deeggaruu kaleessa galgalaa Finfinneetti sagantaan galii walitti qabu gaggeeffameeera.
Abbootiin qabeenyaa magaalaa Finfinneetti argaman, dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaarra Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 40 fi kuma 700 ol walitti qabamuu ibsameera.
Saganticharratti Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Humna Waraanaa Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabaleen, Ministirri Ministeera Raayyaa ittisa biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay, abbootiin amantaa fi qabeenyaa hirmaataniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad saganticharratti argamuun haasaa taasisaniin, lammiin hundii dandeetti qabuun biyyasaa deeggaruu fi eeguun biyya ceeesisuuf itti gaafatamuummaa qaba jedhaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.