Godinni Silxee Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii Miiliyoona 13 ol taasise
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2014 (FBC)- Naannoo uummattoota Kibbaatti godinni Silxee Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii Miiliyoona 13 fi kuma dhibba 1tti timaamamu taasisuu ibsameera.
Godinichi yeroo 4ffaa deeggarsa sangoota 223, re’ootaa fi hoolota 36 akkasumas Birrii kuma dhibba 2 fi kuma 21 taasisuu hoogganaan Biiroo Faayinaansii naannichaa obbo Tafarii Abaataa ibsaniiru.
Naannichatti deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 5 walitti sassaabuuf karoorfatame hojiitti seenamuu kaasaniiru.
Bulchaan bulchiinsa godina Silxee obbo Alii Kadiir gamasaaniin,weerara Ityoophiyaarratti aggaamame qolachuuf wareegama kaffalaa kan jiru Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuuf hunda dura xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Deeggarsa ariifachiisaa uummanni godiinichaa taasiseefis galateeffachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argamee ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.