Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Amboo fi Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Godina Booranaatti lammiilee hongeen miidhaman deeggaran

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Amboo fi Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Godina Booranatti horsiisee Bultoota sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa nyaata namaa fi beelladaa taasiisan.
Godina Booranatti horsiisee bultoota sababa hongeen miidhamaniif Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa nyaata beelladaa marga hidhaa 990, nyaata namaa kuntaala 200 deeggareera.
Yuunvarsiitiin Amboo fi marga nyaata beelladaa hidhaa kuma 1 fi 950 fi nyaata namaa kuntaala 200, deegareera.
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Amboo Dooktar Baayyisaa Lataan, deeggarsa yeroo rakkoo kana qofa osoo hin taane, Yuunvarsiitii Booranaa waliin ta’uun qo’annoo fi qorannoon jiruu fi jireenya hawaasa furuuf qophii guddaa qabna jedhan.
Bakka Bu’aan Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa obbo Milkaa Lataas deeggarsa amma qabannee dhufne kana cinaatti, rakkoo kun itti fufa taanaan deeggarsa dabalataas ni taasifna jedhan.
Itti aanaa Bulchaan Godina Booranaa obbo Abdisalaam Waariyoo deeggarsa kennameef Ummata bakka bu’uun galateeffataniiru.
Maddi:-OBN
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.