Ummanni dubbateera hawaasni idil addunyaa dhaggeeffachuu qaba – Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa
Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) – Ummanni dhugaa jiru dubbateera hawaasni idil addunyaa dhaggeeffachuu akka qabu Tajaajilli Kominiikeeshinii Mootummaa ibseera.
Tibbana naannolee garaagaraatti ummanni miiliyoona 30 ol ta’u addabaabayii ba’uun waa’ee biyya isaa dubbateera jechuun ibseera.
Ityoophiyaa baraaruuf wareegama lubbuu akka kaffalu, qaamolee nageenyaaf deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiisuu, giddugaltummaa alaa kan hin fudhannee fi shororkeessitoota biyya diiguuf socho’an cimsee kan balaaleffatu ta’uu ummanni ifatti dubbachuu tajaajilli kominikeeshinii mootummaa Federaalaa himeera.
Miidiyaaleen biyyoota Lixaa, Dippiloomaatoonnii fi dhaabbileen idil addunyaa Ityoophiyaa ilaalchisee odeeffannoo dabarsaa jiran ummanni balaaleffachuu eereera.
Ummanni mootummaa isa bulchu karaa bilisaa, haqa beessaa fi diimookiraatawaa ta’een filachuu fi murtoo kana addunyaan kabajuu akka qabdu ummanni gaafachuu ibseera.
Ummanni iddoolee garee finxaaleeyyin weerara keessa jiraatan garicha boqonnaa dhorkaa jiraachuu kaaseera.
Garee shororkeessaa awwaaluuf ummanni afaanii fi sagalee tokkoon dubbachaa jiraachuu himeera.
Miira fi waan ummanni dubbachaa jiru hawaasni idil addunyaa dhaggeeffachuu akka qabu Tajaajilichi eereera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.