Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Asoosaatti guyyaa boruu hiriirri balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi ergamtoota isaa ni gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)-Naannoo Beenishaangul Gumuz Magaalaa Asoosaatti guyyaa boruu hiriirri balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi ergamtoota isaa kan  gaggeeffamu ta’uu ibsame.

Hiriirichaan garee shorkeessaa ABUT fi ergamoonni isaa kan balaaleffatamanii fi duula mootummaan biyya baraaruuf eegale deeggaruuf hiriirri uummataa kan gaggeeffamu ta’uu Mootummaan naannichaa beeksiseera.

Hiriirichi rakkoo nageenyaa tokko malee  jalqabee akka xumuramuuf caasaan nageenyaa naannichaa qophii barbaachisu xumuruu ibsameera.

Hawaasni magaalaa Asoosaa fi naannawaashee, hooggantoonni, hojjettoonni mootummaa fi hawaasni daldalaa guyyaa boruu sa’aatii 2:00 irraa eegalee biyya baraaruuf tumsa isaanii hiriiraan akka ibsatan mootummaan naannichaa fi Bulchiinsi Magaalaa Asoosaa waamicha taasisuu ragaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.