Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti hiriirri balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi Shanee guyyaa boruu gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Naannoo Harariitti hiriirri balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi Shanee akkasumas deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamolee nageenyaa guyyaa boruu kan gaggeeffamu ta’uu hoogganaan Biiroo Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii obbo Heenook Mulunaa ibsan.

Hiriirri hawaasa magaalaa fi baadiyyaa naannichaa hirmaachisu kun guyyaa boruu sa’atii 2:00 irraa kaasee Istaadiyeemii Imaam Ahimaditti kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Hiriirri uummataa kun nagaan jalqabee akka xumuramuuf qophiin barbaachisaan xumuramuu fi uummanni naannichaa bal’inaan ba’uun akka irratti hirmaatu waamicha taasisuu isaanii ragaan Biiroo koominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.