Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Magaalichaa daandiiwwan guyyaa boruu cufaa ta’an ifoomse

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)-Hiriira garee shororkeessaa ABUT balaaleffatuu fi deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa Addabaabaayii Masqalaatti guyyaa boruu gaggeeffamu sababeeffachun daandiiwwan yeroo murtaa’eef konkolaataaf cufaa ta’an Koomishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee ifoomseera.

Haaluma Kanaan:-

  • Buufata Xiyyaara Booleerraa karaa Galma Barkumee daandiin Addabaabayii Masqalaatti geessu Addabaabayii Olompiyaarratti.
  • Daandiin Magganaanyaa gara Addabaabayii Masqalaatti geessu Batsakaana Uraa’elitti.
  • Araat Kiiloo Ministeer Dhimma Alaarraan gara Addabaabayii Masqalaatti kan geessu Masaraa Biyyaalessaatti.
  • Daandii Charchilii gara Addabaabaayii Masqalaatti kan geessu Hoteela Harraambeetti.
  • Daandiin Addabaabayii Meeksiikoorraa gara Addabaabayii Masqalaatti geessu Ibsaa Lagahaarirratti.
  • Daandiin Addabaabaayii Meeksiikoorraa karaa Sangaataraa Gamoo Baddiluurraan gara Addabaabaayii Masqalaatti geessu Waajjira Olaanaa Baankii Daldala Ityoophiyaatti.
  • Daandiin Saariis Gootaraarraan gara Addabaabaayii Masqalaatti geessu konkolaataawwan gurguddoof Sinimaa Agoonaatti, konkolaattota xixiqqaaf ammoo naannoo Araatenyaa Kifla Xooriitti kan cufamu ta’uu ibsameera.

Guyyaa boruu halkan keessaa sa’aatii 11:00rraa kaasee cufaa akka ta’anii fi galgala har’aa irraa eegalee daandiiwwan Addabaabayii Masqalaa fi naannoo isaatti konkolaataawwan sa’aatii dheeraafis ta’e yeroo gabaabaaf dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu konkolaachistoonni  hubachuun deeggarsa barame akka taasisan Poolisiin Magaalaa Finfinnee dhaameera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.