Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Daldalaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisuuf murteesse

Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Hawaasni Daldalaa naannoo Hararii Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasisuuf waadaa galaniiru.

Hawaasni daldalaa naannichaa guyyaa har’aa Itti aantuu Preezdaantii naannichaa aadde Missiraa Abdallaa waliin haala yeroo biyyaalessaarratti marii taasisaniiru.

Wareegama kaffalaa kan jiru Raayyaa Ittisa Biyaa fi qaamolee nageenyaa biroof deeggarsa taasisuun barbaachisaa ta’uu aadde Missiraan kaasaniiru.

Abbootiin qabeenyaa maricharratti hirmaatan nageenyi hin jiru taanaan hojjetanii buluun kan hin danda’amne ta’uu fi nageenya kabachiisuuf kan kufaa jiru Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa kan taasisan ta’uu eeraniiru.

Mootummaa fi uummata waliin ta’uun rakkoo biyuyarratti agaamame qolachuuf ga’ee isaanii kan ba’atan ta’uu kaasaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.