Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni Magaalaa Hosaa’inaa fi naannooshee garee shororkeessaa ABUT mormuun hiriira gaggeessan

Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)-Jiraattonni Magaalaa Hosaa’inaa fi naannooshee garee shororkeessaa ABUT mormuun hiriira gaggeessaniiru.

Hirmaattoonni hiriirichaas osoo nuti jirruu garee shororkeessaan kun biyya keenya hin bittinneessu jedhaniiiru.

Birmadummaa biyya keenyaa kabachiisuuf hamma wareegama lubbuutti kaffallee falmachuun awwaalchasaa ni ariifachiifna jechuun dubbatan.

Hamma Adda waraanaatti imaluun garee shororkeessaa kana dachii Ityoophiyaa irraa balleessuuf qophiidha jedhan hirmaattoonni hiriiricha.

Kantiibaan Magaalaa Hosaa’inaa Obbo Abrahaam Maccaa waraana gareewwan shororkeessaa ABUT fi ABO Shaneen Ityoophiyaa irratti banan yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf lammiileen Ityoophiyaa marti tokkummaan irratti duuluu qabna jedhanii jiru.

Bulchaan Bulchiinsa Godina Hadiyyaa Obbo Maatewoos Lombosoo garee shororkeessaa ABUT yeroo gabaabaatti awwaallee biyya keenya gara nagaatti deebisuuf kan danda’u gara Adda Waraanaatti duuluun kan hin dandeenye immoo gaachana duubaa ta’uun qindoominaan itti deemuu qabna jedhan.

Tarkaanfii gootichi raayyaa ittisa biyya baraaruuf fudhachaa jiru cimsuuf ummatni godinichaa deeggarsa barbaachisu kamuu kan taasisu ta’uu dubbatanii jiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.