Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree waloo Paartiilee Siyaasaa naannoo Oromiyaa keessaa socho’aan miidiyaaleedhaaf ibsa kennan

Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Manni Maree waloo Paartiilee Siyaasaa naannoo Oromiyaa keessaa socho’aan miidiyaaleedhaaf ibsa kennaniiru.

Ibsicha kan kennan  dura ta’aa mana maree waloo paartiilee siyaasaa Oromoo obbo Kadiir Maammoo, manni marichaa murtoowwan garaagaraa dabarseera jedhan.

Murtoowwan dabarse keessaa mootummaan gareewwan shororkeessitootaa ABUT fi Shanee barbadeessuuf sochii taasifamu keessatti waan nurraa eegamu hanga wareegama lubbuutti ni baana jedhaniiru.

Dhimma nageenyaarratti mootummaa waliin ni hojjennaa jechuun ibsichaan eerraniiru.

Lammiilee midhaman deeggaruuf waan nurraa barbaadamu ni taasisna jedhan.

Hawaasni idil addunyaa odeeffannoo sobaa dhimma biyyaarratti taasisaa jiru akka dhaabu gaafateera.

Uummannis sochii gareewwan shororkeessitootaa balleessuuf taasifamaa akka jiru akka tumsu manni marichaa ibsa kenne keessatti eereera.

Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.