Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi haaraan Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa qooda fudhattoota waliin mari’achaa jira

Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Hoggansi haaraan Ministeera Misooma Magaalaa fi  Bu’uuraalee Misoomaa, qooda fudhattoota waliin Magaalaa Adaamaatti mari’achaa jira.

Waltajjii marii kanarrattis, Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii dabalatee, qaamolee itti waamamni isaanii mana hojichaaf ta’e, hoggansi fi hojjettoonni Ministeerichaa akkasumas qooda fudhattoonni irratti hirmaataniiru.

Waltajjichis waltajjii hoggansi haaraan hojjettootasaa waliin wal barudha kan jedhan Aadde Caaltuun, gara mana hojichaatti yeroo dhufnu fedhii fi gammachuu guddan uummata keenya tajaajiluufi onnaneeti jedhan.

Hundumti keenyayyuu waan dandeenyu maraan muuxannoo qabnu waliif qoodnee biyyaa fi uummata keenya haqummaan tajaajiluufi jedhan.

Raayyaan ittisa biyyaa fi lammiileen biyyattii birmadummaa biyyaa eegsisuuf wareegama hedduu kaffalaa jiru.

Nutis bakka ramadamne maratti hojii nurraa eegamu hojjechuun,akkasumas biyyittii dhaloota dhufuuf dhaalchisuuf ga’een narraa eegamu maali kan jedhu of gaafachuu qabnas jedhan.

Hoggansi olaanaan Ministeericha hojiilee misoomaa Magaalaa Adaamaatti hojjetamanis daawwachuu OBN gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.